Simbo Printing
Amaloota Gaggeessa cimaa tokkorra eeggamu keessaa muraasni👇
1, Amanamummaa, Hojii isaaf, hordoftoota isaaf akkasuma Ummata isaaf amanamaa ta’uu qaba. Hoggansummaan amaanaa Sitti kennamateedha Amaanaa kana Ammoo Amanamummaa Ol’aanan Bahachuutu sirra eegama. Yoo Hoggansi Tokko Amanamaa hin Taane Hojiin isaaf Hin milkooytu, Hotdoftoonni Isaa fi Ummannis Ija Shakkiin Ilaalu. Inni kun ammu gufuu gudda itit ta’a Kanaaf Amanamummaan Murteessadha.
2, Off Gahoomsaa Adeemuu, Beekumsaan of ijaaraa, gahumsa fi dandeettii isaa cimsaa adeemuu qaba. Bekkumsa Saayinsii fi Siyaasan Of Ijaara ademuu, Hundaa ol Ammo Muuxanno jiran dubibsuun, Kitaabilee fi Artikiloota Sirna Hoggansaa Garagraa jiran Dubbisuun Beekkumsaan Of Gahoomsaa Adeemuu Qaba Hoggansi Cimaan Tokko.
3, Harrasmantii Dhiisu
, Communication skill, Akkaataa qaama kamii waliin walii galuu sirreffachaa ademuu, kabajaa fi ulfinaan guutamee nama waliin walii galuu. Haala toluu Ummata kabajaa fi Ulfinaan Tajaajiluu. Karaalee Hojii isaa ittiin hojjetu karaa walitti hidhaminsa cimsuu dandahuun Line cimaa ijaarrachuu. Eyyantaa Ol’aana Raawwii keessatti uummachaa adeemuun harrasmantii Dhiisuun Baayye murteessadha.
4, courage, Kaka’umsa Qabaachuu
Hoggansi Tokko Waan Raawwatu Saniif Fedhii fi Kaka’umsa Qabaachu qaba. Waan Hojjatu Jaalachu Isa Jaalate sanammo milkeessuf Kaka’umsa Ol’anaa Qabaachu Qaba. Milkii hojii keetiif inni guddaan Kufaatii har’aa qofa osoo hin ta’in Kaka’umsa Ati kuftee kaatee dhimma sana milkeessudhaaf qabduun kan madaalamuudha. Kanafa milkii hojii keetiif kaka’umsi kee baayyee murteessadha.
5, Riskii Ifiif fudhata, Injifanno namaaf kennu.
Riskii Ofiif Fudhachuun Mallattuu Guddummaa Hoggansa Tokkoti
Hoggamsi Cimaan Riskii fi Badiu dhuftee ofii Fudhatee Milkii fi Bu’aa gaarii dhufe Qaama
Waliin hojjetuuf laata. Gaafa Injifannoo dhufe hunda ofiin yaamtee, Hanqinoota Mul’atan Ammoo Wahillota si jala jiraniif kennuu baayyiste kufaatii naanno sanitti si mudachuu malu guddaafi hoggansa keetille madaala keesaa kan galchuudha. Hanqinni kan kooti nan sirreysa gaafa jatte, milkiin kan keessani itti fufaa gaafa jechuu eegalte Hoggansa Cimaa tahu kee hin shakkin.
6, Integrity fi Consistency
Amaloota Hoggansa Cimaa keessa inni Biroon Waan Jattee Gochaan mirkaneessuu, Isa San ammoo Itti fufinsaan Raawwachuudha. Yeroo baayyee Ummannis tahe Hordoftonni kee waan jattu si hordofu, yoo waan jattee waadaa galte Rawwachaa Deemtee Trust argachaa deemta, Gaafa waan jatte irra sharafaa fi Raawwachuuti dhiiste Fudhatamummaan Hoggansa tokko hir’isaa, Hoggansumman kee Gaaffi keessa galaa deema. Isa jattee san ammo Al tokko raawaacha Al tokko mmo dhiisa deemta taanaan innis Rakko mataa isaa danda’e fidee dhufa. Hoggansi tokko Cimaadha kan jechisiisu, Gaafa waan jadhe Raawwate isa ammoo Itti fufinsa qabaatee qofaadha.
7, Visionary,
Abbaa mul’ataa tahuutu irra jiraata gageessa cimaa tokkorraa. Mul’ata Si gaggeessu Yoo Hin Qabaanne Ati Gaggeessa Tahu hin dandeessu. Wanti Gaggeessa tokko adda Godhu Mul’ata Ifaafi Bira gahamu Dandahu Qabaachu qaba. Mul’anni tokko Humna Jabaa Qaama Tokko Dhiibee iddo gahuu barbaaduun isa Gahudha. Gaggeessan tokko Cimaadha Kan Isa Jachisiisu Gaafa Mul’ata Ifaa tahe Qabaate, Isa san milkeesauf Ammu Kutannoo Cimaa Qabaateedha.
Nagayan Bulaa
@highlight