Bu’aan Qormaataa Kutaa 12ffaa Ifoomeera

Qormaata ba’uu biyyoolessaa kutaa 12ffaa irratti barattoonni dhibbeentaa 12.8 ykn 70,544 akka darban ibsameera.
Qormaata bara kanaa irratti qabxiin olaanaa 600 keessaa Saayinsii Uumamaatiin 591.64 galmaa’eera.
—————————— // ————————————————————————————————————————————————————————————————————————-
(Hagayya 16/2018) Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Neegaa bu’aa qormaata kutaa 12ffaa bara 2018 ilaalchisee ibsa gaazexeessummaa kennaniin barattoota qormaata ba’iinsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaan 12.8 ykn 70,544 %50 fi isaa ol galmeessaniiru.
Ministirri kun bara darbe qormaata kutaa 12ffaa bahuu barattoonni dhibbeentaa 8.9 darbuu isaanii ibsaniiru.
Barattoonni bara kana qabxii dhibbeentaa 50 ol galmeessan saayinsii uumamaatiin dhibbeentaa 16.58, saayinsii hawaasummaatiin ammoo dhibbeentaa 8.33 ta’uu himaniiru.
Saayinsii uumamaa dhiirotaaf 600 keessaa 591.64; Ministirri kun dubartootaaf 583.03 galmaa’uu ibsuun, saayinsii hawaasummaa keessatti dhiirotaaf 576.25, dubartootaaf 569.17 ta’uu 600 keessaa galmaa’uu ibsaniiru.
Manneen barnootaa bara kana barattoota qoran keessaa manneen barnootaa 88 barattoonni isaanii %100 kan darban yoo ta’u, manneen barnootaa 565 ammoo barattoonni tokkollee akka hin dabarre kan ibsan yoo ta’u, bara darbe manneen barnootaa 1232 tasuma hin darbine waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu.
Bara kana barattoota 563,960 qormaata kanaaf galmaa’an keessaa barattoonni 550,210 qormaata fudhataniiru.
Kabajamoo Ministirri kun tarkaanfiiwwan haaromsaa damee barnootaa keessatti hojiirra oolan irraa kan ka’e bu’aan bara kanaa bu’aan fooyya’aan galmaa’aa akka jirus ibsaniiru.