Saturday, 10 October 2026Simbo Printing • Oduu fi Barreeffama Haaraa
BREAKING
Oduu haaraa as irratti mul'ata.

Dhimma Magaalaa Finfinnee Fi Dirreedhawaa

 

#FINFINNEE #DirreeDhawaa #NationalDialgue

Dhimma Finfinneefi Dirree Dhawaa Ilaalchisee Marii Biyyaalessaa irratti Waliigalteen Taasifame maali?

Waltajjii Marii Biyyaalessaa guyyoota darban gaggeeffamaa tureen, dhimma ijoo fi walfalmisiisaa kan ta’e dhimma magaalaa Finfinnee  irratti garee  namoota 500 of keessaa qabuun waliigalteen mallattaa’ee ture. Haa ta’u malee maal irratti waliif galame?

Marii cimaa fi wal-falmii guyyoota hedduu fudhate kanaan, magaalattiin ofiin of bulchaa itti waamamni ishee “Mootummaa Federaalaaf” akka ta’u hirmaattotaan waliigalameera. Haa ta’u malee, yaada bakka bu’oota Oromiyaatiin dhiyaate kan “Heerri mootummaa magaalattiin teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uu ishee beekamtii haa kennu” jedhu irratti mormiin waan ka’eef, qabxiin kun akkaataa “garaagarummaatiin” qabamee koree itti aanuuf akka darbu ta’eera.

Dhimmi biraa guddaan waltajjii kana irratti xiyyeeffannoo argate, “Mirga ykn Fayyadamummaa Addaa” Naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa qabduudha. Dhimma kana irratti, jechi ‘Fayyadamummaa Addaa’ jedhu hafee, “Fayyadamummaa Waloo” ykn faayidaa walootti akka jijjiiramu, kunis keessattuu itti fayyadama qabeenya uumamaa irratti xiyyeeffatee seeraan akka tumamu gareen kun waliigaleera. Dabalataanis, hariiroon Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru mariidhaan furamee haala itti fufu irratti walii galameera.

Gama hojii bulchiinsaatiin, magaalattiin qaama seeraan dhaabbate, akkasumas dhaabbata poolisii fi mana murtii of-danda’ee fi mataa ishee akka qabaattu waliigalameera. Dhimma afaan hojiitiin walqabatee, afaan hojii federaalaa afaan hojii magaalattii akka ta’uu fi dhimmi haammattummaa aadaa fi seenaa (inclusive heritage) bifa hundaa hammateen hojiirra akka oolu murtaa’eera. Gama biraatiin dhimma magaalaa Dirree Dawaa irrattis mari’atamee, itti waamamni ishee Mootummaa Federaalaaf ta’ee akka itti fufu irratti waliigalteen irra ga’ameera.

Qabxiileen kunniin hundi sadarkaa garee hojii namoota 500 qofatti waliigaltee irra kan ga’aman ta’uu maddeen ifoomsaniiru. Kunis murtii dhumaa osoo hin taane, adeemsa itti aanuun koree araarsituu fi yaa’ii waliigalaa marii biyyaalessaa hirmaattota 4,000 qabu irratti dhiyaatee kan irratti mari’atamu fi murtaa’u ta’uun ibsameera.

Odeeffannoo Hatattamaaf Karaa Teelegiraamaa Nu Hordofaa.

  • Simbo Printing: Tajaajila Maxxansaa fi Dizaayinii Amanamaa
    Simbo Printing: Tajaajila Maxxansaa fi Dizaayinii Amanamaa Ibsa waliigalaa Kabajamtoota hordoftootaa fi daawwattoota chaanaalii keenyaa, baga nagaan dhuftan. Har’a waa’ee maqaa dhaabbata keenyaa, Simbo Printing, fi hiika asxaa isaa isinitti himuuf geenyeerra. Ibsa kana obsaan akka dubbistan kabajaan isin gaafanna. Simbo Printing dhaabbata tajaajila maxxansaa, dizaayinii fi qophii meeshaalee beeksisaa kennuudha. Namoota dhuunfaa, dhaabbilee mootummaa… Read more: Simbo Printing: Tajaajila Maxxansaa fi Dizaayinii Amanamaa
  • (no title)
    🇪🇹 Itoophiyaa: Mootummaan Haaraan Hundeeffame — Abiy Ahmed Muummicha Ministeeraa Ta’uun Yeroo Lammaffaaf Kakuu Seene   Finfinnee, Onkololeessa 5, 2026 — Itoophiyaan har’a marsaa mootummaa federaalaa haaraa waggaa shanii keessa seentee jirti. Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa marsaa 7ffaa yeroo jalqabaaf walga’uun, Abiy Ahmed (PhD) Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa ta’uun irra deebi’amee muudamee, kakuu hojii seenee… Read more: (no title)
  • 🔴 BREAKING
     Mootummaan Federaalaa Mekelle To’achuu Beeksise; TPLF Duubatti Deebi’e Mekelle, 4 Onkololeessa 2026 — Walitti bu’iinsi mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduu torbanoota darban keessa cimee ture, har’a jijjiirama guddaa keessa seeneera. Gabaasa Reuters fi Associated Press irraa argameen, humnoonni mootummaa federaalaa fi humnoonni isaan deeggaran magaalaa Mekelle, magaalaa guddoo naannoo Tigraay,… Read more: 🔴 BREAKING
  • Digital Ethiopia Fayda ID
    Faayidaa ID Digital Ethiopia (Fayda ID) – Eenyummaa Dijitaalaa Itoophiyaa Seensa Bara ammaa kana keessatti teeknooloojiin jireenya hawaasaa, tajaajila mootummaa, daldalaa fi faayinaansii saffisaan jijjiiraa jira. Jijjiirama kana keessatti ID Digital Ethiopia (Fayda ID) sirna eenyummaa dijitaalaa ammayyaa Itoophiyaa keessatti gahee guddaa qabu keessaa isa tokko dha. Fayda ID sirna eenyummaa dijitaalaa namootaaf lakkoofsa eenyummaa… Read more: Digital Ethiopia Fayda ID
  • # Simbo Printing
    Simbo Printing – Tajaajila Maxxansaa fi Dizaayinii Giraafiksii Qulqullina Olaanaa Simbo Printing dhaabbata tajaajila maxxansaa fi dizaayinii giraafiksii qulqullina olaanaa qabu maamiltootaaf dhiyeessuuf hundeeffame dha. Kaayyoon keenya hojii kalaqaa, maxxansa ammayyaa fi tajaajila amanamaa ta’een fedhii maamiltootaa guutuu dha. Yoo tajaajila maxxansaa, kaardii daldalaa, banner, poostarii, dizaayinii giraafiksii ykn gulaallii suuraa barbaaddan, Simbo Printing filannoo… Read more: # Simbo Printing